Jireenya Muslimoota Firaansi keessatti maal fakkaata?
As-salamu alaykum, Yeroo dhihootti waan tokko yaadee ture, isin gaafachuu barbaade: Firaansi keessa Muslima ta'uun akkamitti? Kunis, nama Muslima ta'uun ifatti mul'atu-fknf hijaaba ykn abaya uffatu-guyyaa-guyyaan jireenyi isaa maal fakkaata? Namoota irraa waan adda addaa dhaga'aa, garuu muuxannoo dhugaa dhaga'uu jaalladha, keessumaa ani as jiraadhee fi yeroo tokko tokko jireenya namoota biroo dinqisiifadha.