Maaliif si?
Ati, "Maaliif ana?" jettee yaadda. Si! Sababni isaas Rabbiin imimmaan maddii kee irratti harca'u hundaanaan cubbuuwwan kee haquu barbaada. Yeroo harka kee du'aaf ol kaastu hunda galmee kee hojii gaariiwwaniin guutuu barbaada. Yeroo obsaaf dadhabdu, onneen kee dhiphatellee, yeroon obsa qabdu hundaan iddoo kee Jannata keessaa ol kaasuu barbaada. Gammachuu dhugaa siif kennuuf gaddaa xiqqoon si qoruu barbaada. Sababni isaas Rabbiin siif yaadda.