Boqonnaa har'aa
Yeroo jireenya kee keessatti milkaa'ina argattu, yeroo tokko tokko akka ofii kee raawwatte sitti dhaga'ama, akkasumas inni tola Rabbiitiin akka ta'e ni irraanfatta. Namoonni yeroo hunda milkaa'ina kee irratti si galateeffatan akkamitti of boonaa irraa of eeguu dandeessa? Yaadachiisota irraa siif baay'ee faayidaa qaban maal fa'i?